Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa walitti bu’iinsaa ittisuun nageenya waareessuuf fooyya’iinsa bu’uuraa akka taasiisu gaafatame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii walitti bu’iinsaa ittisuun nageenya waareessuuf fooyya’iinsa bu’uuraa akka taasiisu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon gaafatan.

Pireezidaanti Wiiliyaam Yaa’ii Waliigalaa 78ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti ergaa dabarsaniin manni Marichaa itti gaafatummaa isaa ba’uurratti hanqina qabaachuu kaasaniiru.

Walitti bu’iinsaa ittisuun nageenya waareessuuf fooyya’iinsa bu’uuraa akka taasiisu gaafataniiru.

Yeroo ammaa sirni nagaa fi tasgabbii addunyaa kufuu eeruun dhaabbatichi nageenya waareessuuf jijjiirama bu’uuraa taasiisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Walitti bu’iinsa Ittisuu fi kan mudateef furmaata laachuuf qaama lamaan walqixa hirmaachisuurratti hanqina qabaachuu eeruun, kun ammoo biyyoota gidduutti wal amantaan jiru akka xiqqaatu taasiisuu kaasaniiru.

Biyyoonni Afrikaa Mana Maree Nageenyaa keessatti bakka bu’ummaa haqa qabeessa kan hin qabne ta’uu eeruun, Manni marichaa akkuma hawaasa addunyaa biroo sagalee fi ilaalcha Afrikaa haala fooyya’aa ta’een calaqqisiisuu akka qabu gaafataniiru.

Afrikaan mana marichaa keessatti teessoo dhaabbii akka qabaattu bara Faranjootaa 2005 eegalee cichoominaan gaafatamaa turuu dubbataniiru.

Afrikaan bakka bu’iinsa haqa qabeessa hanga argattuutti qabsoo taasiiftu kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.