Fana: At a Speed of Life!

Gosti Vaayirasii Koroonaa haaraan argame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC)-Gosti Vaayirasii Koronaa “Piirolaa” jedhamu Niwuziilaandi bishaan faalamaa keessatti argamuun ibsame.

Vaayirasichi bara Faranjootaa baatii Hagayya gara xumuraa eegalee sadarkaa idil addunyaatti tatamsa’uu akka hinoollee kan shakkamuu ta’uun gabaafameera.

Qorattoonni damichaa moggaasii BA 2.86 kan kennameef sanyii xixiqqaa Omikiroon baatii Hagayyaa darberraa eegalee dammaqinaan hordofaa akka turan eerameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tatamsa’inni vaayirasichaa jalqaba Deenmaarkii fi Israa’eelitti argamuu eeree, suuta addunyaarraa tamsa’aa jira jedheera.

Vaayirasichi kan duraa irra hammaataa yookaan dandeetti daddarbiinsaa olaanaa akka qabu himuun, mallattooleen isaa kan hinargamne ta’uu Zhinuwaan gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.