Fana: At a Speed of Life!

Sababa hanqina namuusaan maallaqa mootummaan dhabuuf ture Birrii miiliyoona 268 baraaruun danda’ame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) – Sababa hanqina namuusaa fi hojmaata badaan maallaqa mootummaan dhabuuf ture Birrii miiliyoona 268 baraaruun danda’amuu Komishiniin Gumrukaa beeksiseera.

Hannaa fi hojmaata badaa hundeerraa gogsuuf hojjetamaa jiraachuu Komishinichatti Itti aanaan Komishinara Damee Oppireeshinii Obbo Azzazaw Caanneen ibsaniiru.

Bara 2016 keessa hojiilee fayyummaa dhaabbataa eegsiisuu danda’anirratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Hannii fi Hojmaanni badaan komishinichi ergama itti laatame sirnaan akka hin bane gufuu ta’uu eerameera.

Hoggansaa fi hojjettoota namuusa cabsanii argaman 417 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi namuusaa fudhatamuu dubbatamuu ragaan Komichinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.