Fana: At a Speed of Life!

Haala sagantaa misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa deeggaruun danda’murratti mari’atame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) – Haala Maayikroosooft sagantaa misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa deeggaruu danda’urratti mariin gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxa Mollaan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaa Ameerikaa Magaalaa Niwuu Yoorkitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Yaa’ichaan cinaatti hoggantoota olaanoo Dhaabbata Maayikroo Soofti waliin dhimmoota tumsa teeknooloojii fi hojii tola ooltummaarratti, akkasumas hariiroo Maayikroo Sooftii fi Itiyoophiyaa gidduujirurratti mari’ataniiru.

Dooktar Ballaxaan, sadarkaa guddina Teeknooloojii, Ce’umsaa fi dameewwan garaagaraan Itiyoophiyaan yeroo ammaa irratti jirtu ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Dhimmoota guddina damee Teeknooloojiirratti jijjiirama qabatamaa fiduu danda’anirratti mari’achuu isaanii eerameera.

Dooktar Ballaxaan fedhii Maayikroo Soofti Itiyoophiyaatti hojjechuuf agarsiise dinqisiifatniiru.

Hoggantoonni Dhaabbatichaa Baatii Onkololeessaa Itiyoophiyaa daawwachuuf karoorfachuus ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.