Fana: At a Speed of Life!

Bu’uuraalee misoomaa barnootaa fooyyeessuun carraa egeree dhalootaa dhufuu fooyyessuudha-Pirof. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC)- Bu’uuraalee misoomaa barnootaa fooyyeessuun carraa egeree dhaloota dhufuu fooyyessuu ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan dubbatan.

Pirofeessar Birhaanuun Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, waltajjii barnootaa bara dijitaalaa keessaa invastimantii misoomaaf, haqa qabeessummaa, nageenyaa fi tasgabbiif tumsu jedhuun Niwuyoorkitti qophaa’erratti ergaa dabarsaniiru.

Haasawaa isaaniin barnoota irratti hojjechuun waa’ee dhaloota dhufuu fi addunyaarratti hojjechuudha jedhan.

Akka biyyaatti mootummaan jijjiiramoota garaagaraa barnootarratti taasisaa jiraachuu himanii, Itiyoophiyaan baajata waggaa qabattu keessaa %20 hojiilee barnootaaf kan ramadduu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Baajatichi dandeettii mootumaa fi rakkoolee walxaxaa damicharratti mul’atuun gahaa akka hintaane dubbataniiru.

Kana hordofees bara kana bu’uuraalee misoomaa barnootaa fooyyessuuf kan kaayyeffate sosochii biyyaalessaa “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun hawaasni marti gahee gama isaa akka bahatu taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Waltajjicharrattis barnoonni yoo hindeeggaramne galmoota misoomaa waaraa milkeessuun yookaan rakkoolee mudataa jiran furuun akka hindanda’ame akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.