Fana: At a Speed of Life!

Maalummaa Dhukkuba Tiraakoomaa fi Tooftaalee Ittisa Isaa

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) – Tiraakooman dhukkuba ijaa daddarbu ta’ee, baakteeriyaa ‘Chlamydia Trachomatis’ jedhamuun kan nama qabuudha.

Dhibeen kun yeroon yaala hin argannee taanan agartuu ijaa jaamsuu kan danda’uudha.

Mallattoolee Dhukkuba Tiraakoomaa

– Ijji fi qolli Ijaa kan nyaara gadii jiru hooksisuu.

-Ciim’aan malaa fakkaatu ykn wal harkisu ija irratti mul’achuu

-Dhiita’uu qola ijaa

-Ijji ifa ilaaluu sodaachuu/ dadhabuu

-Dhukkubbii ijaa

Booda irra rifeensi qola ijaa irra jiru gara ija keessatti garagaluu.

Maloota Ittisa Dhukkuba Tiraakoomaa

-Qulqullina fuula, ijaa fi harka eeguu

-Qulqullina naannoo eeguu.

-Balfa gogaa fi dhangala’aa haala gaariin dhabamsiisuu

-Bishaan qulqullina qabutti fayyadamuu.
-Nama mallattoo kunniin irratti mul’ate gara dhaabbata fayyaa geessun yaalchisuu

-Qoriicha ogeessan ajajame haalan itti fayyadamuu ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.