Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan anniisaa niwukilaraa kaayyoo nagaaf fayyadamuuf dhaabbilee Raashiyaa waliin hojjechaa jirti

Finfinnee, Fulbaana 9 ,2015 (FBC)- Itiyoophiyaan imala anniisaa niwukilaraa kaayyoo nagaaf fayyadamuuf taasiftu milkeessuu fi nageenyi isaa eegamaa akka ta’uuf dhaabbilee anniisaa niwukilaraa Raashiyaa waliin hojjechaa jiraachuun ibsame.

Bu’uuraalee misoomaa Giddugalaa Teeknooloojii Saayinsii Niwukilaraa fi Maddaa Humna Niwukilaraa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa misoomsuuf hojjetamaa jiraachuunis eerameera.

Haaluma kanaan Ministeerrii Innooveeshinii fi Teeknooloojii itti gaafatamtoota dhaabbata inarjii niwukilaraa Raashiyaa Roosaatoom waliin Finfinneetti mari’achaa jiraachuun himameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Ministeerichaa Dastaa Abarraan, Dhaabbata Roosaatoom waliin hojjechuun ce’umsaa beekumsaa, muuxannoo fi teekinooloojii saffisiisuuf imala gara sagantaa niwukilaraatti taasifamuuf bu’uura jedhan.

Akkasumaas nageenyi hojichaa kan eegame akka ta’uu fi eegumsa naannawaa kan giddugaleeffate akka ta’uuf hojiilee walta’iinsa gamlameeniin hojjetamuuf adda durummaan xiyyeeffannaan kan kennameef ta’uu kaasaniiru.

Ijaarsaa fi itti fayyadama anniisaa atoomikaa karaa nagaa irratti walta’iinsi gama lameenii taasifame, diinagdee biyyattiirratti gumaacha taasisuun cinaatti hariiroo Itiyoo Raashiyaa caalmaan akka cimsu eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.