Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii waliigalaa DhMG cinaatti hojiiwwan dippilomaasii damee hedduu milkaa’oon gaggeeffamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 9 ,2015 (FBC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuun cinaatti hojiileen dippilomaasii dameelee hedduu milkaa’oon gaggeeffamaa jiraachuu Dubbii Himaan Minsteera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam dubbatan.

Yaa’iin waliigalaa 78ffaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii mata duree “Nageenya, badhaadhinaa, jijjiiramaa fi itti fufiinsa” jedhuun Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icha irratti Jilli Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamu hirmaachaa jiraachuu Ambaasaaddar Mallas ibsaniiru.

Obbo Dammaqaanis, guyyoottaan lamaan darban yaa’icharratti hirmaachuun cinaatti dureewwanii fi aanga’oota biyyoota garaagaraa waliin akkasumas bakka bu’oota dhaabbilee idil addunyaa fi dhaabbilee tumsitootaa waliin mariiwwan bu’a qabeessaa taasisuu himaniiru.

Haaluma kanaan nageenyaa naannawaa mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taasifaman akkasumas dhimmoota gamlameenii irratti mariiwwan xiyyeeffatan gaggeeffamuu kaasuun, fooramii siyaasaa dureewwanii irratti galmootaa misoomaa waaraa ilaalchisee ejjennoowwan galmoota misoomaa Itiyoophiyaan ilaallatan kan dhiyaatan ta’uun ibsameera.

Dabalataanis waltajjiiwwan dureewwanii fi aanga’oota biyyoota garagaraarratti Obbo Dammaqaan hirmaachuu himaniiru.

Waltajjiiwwan kunneen fedhii Itiyoophiyaa beekuuf carraa kan uumaan ta’uu beeksisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.