Fana: At a Speed of Life!

Kunuunsa Gaarreen Baalee daran cimsuun barbaachisa jedhame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee ‘UNESCO’tti galmeessuuf akkuma tumsi olaanaan taasifame kana booda kunuunsi taasifamu daran cimuu akka qabu gaafatame.

Qooda fudhattoonni Galmee Paarkichi akka Dhaabbata Aadaa, Barnootaa fi Saayinsii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti akka galmaa’uuf gumaacha taasisan ibsa miidiyaaleef waloon kennaniiru.

Ibsa kennaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Biroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Koomishinii Tuurizimii Oromiyaa, Bulchinsi Godinni Baalee paarkichi dhaabbatichatti akka galmaa’uuf qoodaa olaanaa bahachuun eerameera.

Gumaacha taasifameefis qoodaa fudhattoota kanneeniif galanni kan maluuf ta’uun kan ibsame yoo ta’u, kana boodas akkuma galmee isaaf tattaaffii olaanaan taasifame, kan duraa caalaa kunuunsa paarkichaa daran cimsuun murteessa ta’uun himameera.

Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee Itiyoophiyaaf Paarkii 2ffaa Galmee Hambaa addunyaarratti galmaa’e yoo ta’uu, akka addunyaatti ammoo Paarkii 11ffaa ta’uun kan galmaa’edha.

Paarkichi bineensotaa fi biqiltuuwwan Itiyoophiyaa qofatti argaman kan qabu yoo ta’u,gosoota biqilootaa Paarkicha keessatti argaman kuma 1 fi 660 keessaa % 40 qorichummaaf kan oolaan ta’uu qorannoon gaggeeffamaa ture ni mul’isa.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.