Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa naannawichaatti dhaga’amtummaa siyaasaa Itiyoophiyaa akka guddisu akeekame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Hidhi Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa humna elektirikii maddisiisuun diinagdee fi hawaasummaa biyyatti guddisuu garasitti damee siyaasaan dhaga’amtummaa qabdu kan guddisu ta’uu Hirmaataan Duraanii Marii Hidhichaa Faqii Ahimad Nagaash dubbatan.

Faqii Ahimad faayidaa damee hedduu guutiinsa bishaanii marsaa afuraffaa Hidhaa Haaromsaa ilaalchisuun FBC waliin turtii taasisaniin, bishaan maddu Itiyoophiyaa keessaa ta’uun biyyootaa waliin walta’uuf, mari’achuufis ta’e murteerratti dhiibbaa uumuuf dandeettii olaanaa akka uumu kaasaniiru.

Hidhi Haaromsaa hojii humna elektirikii maddisisuu eegaluun diinagdee biyyatti gama guddisuun gumaachaa olaanaa akka qabaatus himaniiru.

Kunis fedhii humna elektirikii dhaabbilee garagaraa kan guutu, waliingahiinsa bishaan dhugaatii fi gama barnootaa haala mijataa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Damee qonnaanis, qonnaa ammayyaa’aa babal’isuuf, misoomaa jallisiif humna gahaa dhiyeessuuf akka dandeessisu dubbataniiru.
Humna elektirikii biyya keessatti fayyadamuu cinaattis gurgurtaaf oolchuun faayidaa hidhichi qabuu keessaa ta’uu himaniiru.

Miniyichil Azzazaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.