Fana: At a Speed of Life!

Antooniyoo Guutareez qormaatilee idil addunyaa keessaa ba’uuf dhaabbilee hunda galeeyyif waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Barreessan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez qormaatilee idil addunyaa keessaa bahuuf dhaabbilee hunda galeeyyiif waamicha dhiyeessan.

Dhaabbileen kunneenis haalaa idil addunyaan keessa jirturratti yoo sochii hinargisisne, rakkoolee jiran furuun akka hindanda’ame ibsanii, dhaabbileen kunneenis haalaa yeroon walmadaaluun gumaacha akka taasisan gaafataniiru.

Dhaabbileen rakkoolee jiran furuurraa qaama rakkochaa ta’uun sodaa akka qaban himaniiru.

Addunyaan tasgabbii dhabuu keessatti raafamaa jiraachuu eeranii, naannawaa hundaatti muddamni siyaasaa dabaluu fi gufuuwwan idil addunyaa heddummaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Dabalataanis, dhiibbaan jijjiirama qabeenya qilleensaa fi miidhaan cinaa teeknooloojiiwwanii haalonni rakkisoon addunyaa akka mudatan taasiseearaa himaniiru.

Raakkooleen bara waraana qabbanaa’aa mudatan yeroo gababaa keessatti furamanii gara tokkummaatti dhufuun akka danda’me yaadachiisuun, yeroo ammaa addunyaan saffisaan qoqqoodamaa jirti jedhan.

Kanaaf rakkooleen addunyaa qormaata keessa galchaa jiraniif deebii kennuuf addunyaa siyaasaa fi dhaabbilee hunda galeeyyii cimoo fi bu’aa qabeeyyii ta’an akka barbaachisu dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.