Fana: At a Speed of Life!

Masqallii fi Irreechi nagaan akka kabajamaniif dargaggoonni qindeessitootaa kuma 15 ol qophaa’aa jiru jedhame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Masqallii fi Irreechi Magaalaa Finfinneetti nagaan akka kabajamaniif dargaggoonnni tola ooltotaa muuxannoo qaban kuma 15 ol qophii taasisaa jiraachuu Waldaan Dargagootaa Magaalichaa beeksise.

Barreessaa Olaanaan Waldichaa Yihuunanyi Mahaammad ayyaanonni Masqalaa fi Irreechaa soda nageenyaa tokko malee akka kabajamaniif waldichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kanaanis, qindeessummaan muuxannoo kan qaban dargaggoota kuma 15 ol qaamolee nageenyaa, abbootii amantaalee fi qindeessitoota sagantichaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Dargaggoonni ayyaanonni kunneen nagaan akka kabajamaniif qindeessuun cinaattis hojii keessummoota keessummeessuu akka hojjetan akeekameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.