Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyatti pirojektiin dhukkuboota daddarboo dursanii ittisuuf dandeessisu hojiirra ooluu eegale

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC)- Itiyoophiyatti pirojektiin dhukkuboonni daddarboon utuu hinmudatin dursanii ittisuuf dandeessisu hojiirra ooluu eegale.

Hojiirraa oolmaa pirojektichaa ilaalchisuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Finfinneetti mari’atameera.

Sadarkaa biyyaalessaatti pirojektichi baasii Yuuroo miiliyoona 4 kan gaafatuu fi waggoota shan keessatti kan hojiirra oolfamuu ta’uun ibsameera.

Ittaanaan Daayrektaraa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa Dooktar Geetaachoo Toleeraan, kanaan dura dhibeewwan haaraan wayita mudatan gara biyya alaatti saamudni ergamuun qorannoon laabiraatoorii gaggeeffamaa turuu yaadachiisanii, pirojektiin kunis biyya keessatti dandeettii uumuuf akka tumsu dubbachuu TOI gabaaseera.

Pirojektichi mootummaan dhibee ittisuuf imaammataa hojiirra oolchaa jiruun kan tumsu ta’uus akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.