Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan jeettii waraanaa jalaa badde barbaachaa jirti

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC)- Ameerikaan jeetti waranaa F-35 jalaa baddee barbaacha eegaluun gabaafame.

Kaarolaaynaa Kibbaa kan qubatan miseensonni Humna Qilleensaa Ameerikaa ummanni barbaacha Jeettittii yookaan caccabaa isheef akka tumsan gaafataniiru.

Kaleessaa balaliistonni xiyyaarattii balaan mudachuun dura Chaarlastan Kaabaatti Paaraashuutiin bu’uun lubbuu isaanii baraarfachuu Sky News gabaaseera.

Balaliisaan erga lafa qubatee booda gara hospitaalaa kan geeffamee fi fayyummaan isaas haala gaariirraa jiraachuu Dubbii Himaan Waraanaa Meejar Meelaanii Saaliinaas dubbataniiru.

Hanga ammaattis jeettittii arguu namoonni ragaa bahan kan hinjirre ta’uun himameera.

Qaamoleen barbaacha Jeettittiirratti bobba’an naannawaa haroowwan lamaatti xiyyeeffachuun barbaacha itti fufuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.