Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC) – Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaan Niwuu Yorkitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi dhimma Raashiyaa fi Yuukreen akkasumas jijjiirama qabeenya qilleensarratti bal’inaan ni mari’ataan eegama.

Yaadonni yaa’icharratti ka’an karoora bara Faranjootaa 2024 keessatti akka hammatamu kallattiin ni kaa’aan eegama.

Yaa’ichaan cinaatti biyyoonni marii waloo kan gaggeessaan ta’uu Al Jaziiraan gabaaseera.

Walamantaa fi tumsa Addunyaa deebisanii haaromsuu; nageenya, badhaadhina fi guddina addunyaa, hojiirra oolmaa Ajandaalee misooma itti fufaa bara 2030 irratti hubannoo waloo qabaachurratti xiyyeeffachuun marii ni taasiisuu jedhameera.

Hoggantoonnii fi bakka buutoonni biyyoota 140 yaa’icharratti haasawa ni taasiisuun eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.