Fana: At a Speed of Life!

Ikoo-Turizimiin haroowwan Wanciifi Dandii sadarkaa dhumaarra gahaa jiru-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 6, 2016 (FBC)-Sagantaa Maaddii Biyyaatiin misoomaa kan jiran Ikoo-Turizimiin haroowwan Wanciifi Dandii sadarkaa dhumaarra gahaa jiruaachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, seektara riifoormii dinagdee keenyaa akka utuban Mummee Ministeeraa fi Looreetii Nagaa Dooktar Abiy Ahimadiin beeksifaman keessaa tokko tuurizimiidha.

Inisheetivii misooma turizimii keessaa ammoo sagantaa Maaddii Biyyaatiin misoomaa kan jiran Ikoo-Turizimii haroowwan Wanciifi Dandii sadarkaa dhumaarra gahaa jiraachuu himan.

Iddoowwan kunneen akka naannoofi biyyaatti qofa osoo hin taane akkuma Afrikaattuu hawwatummaa isaaniitiin dorgomaa akka ta’an duursanii arganuu ibsan.

Tarkaanfiin kun bu’aawwan ummanni keenya gama hawaas-dinagdeetiin argachuu qabu kan mirkaneessuu ta’uus eeraniiru.

Piroojektichi sadarkaa kana akka gahu hordoffii Muummee Ministira taasisan, dhamaatii halkaniifi guyyaa hojjettoota piroojektichaa akkasumas hawaasa galateeffataniiru.

Piroojektich ragaa dandeettii qabeeya dilbii keenya misoomuuf qabnuu ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.