Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ittaanaa Ministiraa Dhimmootaa Idil Addunyaa Kaanaadaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC)- Ministir deetaan ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Misgaanu Argaan  Ittaanaa Ministiraa Dhimmoota Idil Addunyaa Kaanaadaa  Cheerlii Arbaan waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun, gita isaanii Kaanaadaa waliin hariiroo dippilomaasummaa gamlameenii Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa gidduu jiruu caalmaan haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Marichaan Kaanaadaan deeggarsaa waaraa Itiyoophiyaaf taasiftu fi tumsa cimaa ishee dinqisiifachuu TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaan biyya godaantota hedduu simachuun keessumsiistu ta’uu fi gahee fuulduree ishee tilmaama keessa galchuun akkasumas gama guddinaan galmeessaa jirtuun Kaanaadaan deeggarsa ishee cimsitee kan itti fuftu ta’uu marichaan kaasaniiru.

Biyyoonni lameen walta’iinsa diinagdee isaanii cimsuun hariiroo daldalaa fi invastimantii isaanii guddisuuf waloon hojjechuufis waliigalaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.