Fana: At a Speed of Life!

Namichi qaamolee misaa’elaa dhoksaan gara Ameerikaatti erge hidhaan waggaa 12 fi baatii 6 itti murtaa’e

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC)- Ajaja basaaastoota Ameerikaatiin namichi qaamolee misaa’elaa Raashiyaa dhoksaan gara Ameerikaatti erguuf yaale hidhaa waggaa 12 fi baatii 6 itti murteessuu Manni Murtii Raashiyaa beeksise.

Tajaajilli Nageenyaa Federaalaa Raashiyaa akka beeksisetti namichi Sergeey Kaabaanoov jedhamu ergamaa qaamolee tikaa Ameerikaarraa fudhachuun qaamolee misaa’elaa karaa Laatiiviyaatiin gara Ameerikaatti ergeera.

Qaamoleen misaa’elaa namichi seeraan alaa gara Ameerikaatti erge kunis humna qilleensaa Raashiyaa fi meeshaalee waraanaa raadaarii bu’uureffatan keessa kan tajaajilan ta’uun ibsameera.

Namichis, qaamolee kanneen saanduqa mukaa keessaa gochuun dabarsuuf wayita jedhutti Ooppireeshinii hojjettoonni nageenyaa biyyaalessaa Raashiyaa taasisaniin to’annoo jala ooluun eerameera.

Namichis yakka raawwachuun isaa erga mirkanaa’een booda adabbii isaa mana hidhaa Raashiyaa eegumsi olaanaan taasifamu keessatti akka xumuru Rooyitarsi gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.