Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Laamroot marsaa 15ffaan boru eegala

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC)- Dorgaadorgeen Faanaa Lamroota marsaa 15ffaan boruu eegala.

Marsaa 15ffaa kanaan dorgomtoota kuma 1 keessaa dorgomtoonni 12 kan darbaniidha.

Sanbataa boriin ramaddii 1 jalaatti dorgomtoonni ja’a muuziqaa ofii filataniin dorgommii isaanii ni eegalu.

Torbanoota sagaliif dorgommiiwwan garagaraa taasisuun dorgomtoota xumuraaf ga’an afur badhaasa Birrii miiliyoona 1’f kan falmaniidha.

Dorgommii mo’aa mo’attootaa darbuus isaanis ni mirkaneeffatu.

Haaluma kanaan boru sa’aatii 6:00 eegalee Televiizhiniin Faanaan dorgomtoota marsaa 15ffaa ramaddii 1 kallattiin kan tamasaasu yoo ta’u, daawwattoonis karaa ergaa gabaabaa 8222’n koodii dorgomtootaaf kennameen deegarsaa isaanii argisiisuu akka danda’an eerameera.

Lemlem Yohaannistu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.