Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa eegalame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC) – Leenjiin hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘Idaarraa gara Mindaatti’ jedhuun marsaan jalqabaa magaalaa Adaamaatti eegalameera.

Hoggantoonni olaanoon naannolee hundarraa walitti babba’an hirmaachaa jiru jedhame.

Kaayyoon leenjichaa hoggantoonni haala qabatamaa jiru hubachuun qormaatilee gara carraatti jijjiiruun hoggansa waadaa paartichi ummataaf gale raawwachuu danda’u horachuuf ta’uu Dursaa Itti Aanaan Pireezidaantii fi Itti Gaafatamaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarraahiin ibsaniiru.

Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf tattaaffii taasiifamuuf hubannoo fi tokkummaan hoggansaa murteessaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Leenjichi guyyoota 11f kan turu ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.