Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan argisiisa Daldala Bunaa Idil Addunyaa Kuwaataarirratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan argisiisa Daldala Bunaa idil Addunyaa Kuwaataritti gaggeeffama jirurratti hirmaacha jiraachuun ibsame.

Argisiisichi oomishtoota bunaa fi shamatoota walqunnamsisuuf kan fayyadu ta’uu Kuwaataritti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Faayisal Aliin ibsaniiru.

Argisiisichi Kuwaataritti yeroo jalqabaf kan qophaa‘e ta’uu kan eeraan Ambaasaaddarichi, kunis gosoota oomisha Bunaa Itiyoophiyaan qabdu gabaa idil Addunyaaf keessattuu ummataa Kuwaataariif kan beeksistuudha jedhan.

Argisiisichi guyyoota sadiif kan turu yoo ta’u, oomishaaleen bunaa biyyoota garaagaraarraa dhufan ni dhiyaatu jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.