Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Badhaasaa Daandii Qilleensaa cimaa Afrikaa bara 2023 injifate

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Badhaasaa Daandii Qilleensaa cimaa Afrikaa bara 2023 yeroo 4ffaa injifateera.

Sagantaan Badhaasaa waggaa Daandii Qilleensaa Damee Tajaajilaa cimaa “Business Traveller Award 2023” magaalaa Landanitti gaggeeffameera.

Haaluma kanaan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaan Daandii Qilleensaa Cimaa Afrikaa bara 2023 jedhamuun yeroo 4ffaaf badhaafameera.

Daandiiwwan Qilleensaa Keeniyaa fi Afrikaa Kibbaa ammoo walduraa duubaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa ta’uun Badhaafamuu ragaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.