Naannichatti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa jiran keessaa %78 sadarkaa gadi ta’uu ibsame
Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC) – Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaatti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa jiran keessaa %78 sadarkaa gadi ta’uu ibsameera.
Naannichatti duulli sosochii barnoota dhalootaaf jedhu gaggeeffameera.
Sosochiin qabxii barattootaa fooyyessuuf gargaaru gaggeeffamuu sadarkaa itti aanaa Pireezidaantiitti qindeessan kilaastera Hawaasummaa fi hogganaan Biiroo Barnootaa naannichaa Obbo Almaaw Zawdeen ibsaniiru.
Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa naannicha keessa jiran keessaa % 90 fi sadarkaa 2ffaa % 78 sadarkaa gadi ta’uu eeraniiru.
Hanqinaalee jiran kanneen furuuf ummannii fi mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
Bara barnootaa 2016 keessa barattoota kuma 845 barsiisuuf karoofamuu ibsameera.
Naannichatti Fulbaana 14, 2016 barnoonni idilee kan eegalu ta’uus eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.