Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misoomaa Afrikaa Itiyoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 104 raggaasiise

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC) – Baankiin Misoomaa Afrikaa dhiyeessii Anniisaa Afrikaa Bahaa fooyyeessuuf kan ool deeggarsa Doolaara miiliyoona 104 raggaasiisuu beeksiseera.

Deeggarsichi Afrikaa Bahaatti humnaa kuusaa Anniisaa guddisuun humna Elektirikaa haaromuu fi amansiisaa ta’e dhiyeessuuf qooda qabaachuu Baankichatti Daayrektarri Sirna Misooma Humnaa Baachii Baaldeehiin ibsaniiru.

Piroojektichi Horsiisee bultootaa fi qonnaan bultoota ooyiruu xiqqoo qaban fayyadamuu kan taasiisu ta’uu kaasaniiru.

Diriirsa Sarara daddabasaa humnaa kiiloo meetira 157 dheeratu abbaa Kiiloo Vooltii 400 lamaa fi ijaarsa buufataalee raabsaa Naannoo Hararii fi Jigjigaa kan ofkeessatti hammatu ta’uu ibsameera.

Piroojektichi yeroo itti aanu walitti hidhamiinsa humnaa Somaaleef akka ka’umsaatti kan tajaajilu yoo ta’uu, naannawaa Gaanfa Afrikaa qabeenya diinagdeen walitti hidhuu keessatti gumaachaa olaanaa qabaachuus eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.