Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi waraqaa eenyummaa diijitaalaa hojjiira oolchuufi

Finfinnee, Fulbaana 2, 2016 (FBC) – Dhaabbilee barnootaa keessatti waraqaan eenyummaa diijitaala biyyaalessaa hojiirra ooluuf ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Ministeerichi sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa waliin ta’uun bara 2016tti sirna waraqaa eenyummaa dijitaalaa barattootaa hojiirra oolchuuf ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaan ibsaniiru.

Adeemsi kun imala Itiyoophiyaan damee barnootaa diijitaaleessuu fi ammayyeesuuf taasiiftuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Sirni waraqaa eenyummaa diijitaalaa kun sodaalee fi nageenya ragaalee dhuunfaa kaa’uu fi fayyadamuurratti turan daraan kan hir’isu ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.