Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara 2016 Gaagura ammayyaa miiliyoona 1 dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 2, 2016 (FBC) – Oromiyaatti bara 2016 Gaagura ammayyaa miiliyoona 1 dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Naannichatti bara kana oomisha dammaa toonii kuma 113 fi 921 ol argachuuf karoorfamuus eerameera.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti bara hojii 2015tti inisheetiivii misooma dammaa milkeessuuf gaagura ammayyaa kuma 345 qonnaan/horsiisee bultootaafi dargaggoota gurmaa’aniif dhiheessuun dammi tooniin kuma 86 oomishamee jiraachuu eerameera.

Bara 2016tti gaagura ammayyaa miiliyoona 1 ol dhiyeessuun dammaa toonii kuma113 fi 921 fi gagaa toonii kuma 7 ol oomishuuf karoorfamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.