Fana: At a Speed of Life!

Kiim Joongi Uun daawwannaaf Raashiyaa galan

Finfinnee, Fulbaana 1, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Uun daawwannaaf Raashiyaa galuun gabaafame.

Kiim Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin marii’achuuf geejjiba baaburaan Raashiyaa galaniiru.

Turtii isaaniin Pireezidaanti Putiin waliin dhimma gurgurtaa meeshaalee waraanaa irratti ni mari’atuun kan eegamu ta’uu gabaasaaleen ba’an ni argisiisu.

Daawwannaan isaanii kun wayita Ameerikaan Piyoongiyaangi Raashiyaa waliin dhimmaa meeshalee waraanaarratti akka walii hingalle akeekkachiisaa jirtutti ta’uun ibsameera.

Mooskoon Piyoongiyaangi meeshaalee waraanaa akka itti gurgurtuuf fedhii kan qabdu yoo ta’u, faallaa kanaan Kooriyaa Kaabaa qoqqobbiin deeggarsaa nyaataa irra kaa’ame sagantaa niwukilaraa fi misaa’elaa ishee ammayyeessuuf deeggarsa teeknooloojiiwwanii kan barbaddu ta’uu Rooyitarsii fi BBC’n gabaasaniiru.

Kireemiliinis dureewwan lameen dhimmoota naannawaa fi idil addunyaarratti akka mari’atan mirkaneessiteetti.

Imala biyyoota alaa kan heddummeessan Kiim bara faranjootaa 2019 ture yeroo xumuraaf Pireezidaanti Putiin waliin kan walargan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.