Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantoonni naannolee garaagaraa erga baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Pireezidaantoonni naannolee garaagaraa ayyaana bara haaraa 2016 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indashaaw Xaasaw barri haaraan bara gaarummaa, jaalalaa, tokkummaa, araaraa fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.

Bara haaraa kanatti rakkoolee hawaasummaa fi diinagdee jiru furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan naannicha kuufama qabeenyaa jiru, humna namaa qabuu fi haala qabatamaa naannichaa duudhaalee fi dandeettii hawaasummaa fi diinagdeen walitti qindeessuun jijjiirama haaraaf kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.

Itti Aanaan Pireezidaantii naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoonis barri haaraan bara afuuraa haaraan, yaada haaraan, Gamtaan waltumsuu fi deeggaruun Itiyoophiyaa caalmaatti itti cimsinu akka ta’u hawwii kootu jechuun ibsaniiru.

Akkasumas Pireezidanatiin naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, bara haaraa 2016tti nageenya cimsuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf humna guutuun kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Ajandaalee walqoodinsaarraa fagaachuun tokkummaa fi walummaa caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaa fi kan Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoon ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Barri haaraan Itiyoophiyaa fi ummataa isheef bara tokkummaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.