Fana: At a Speed of Life!

Qaammeen 6, Guyyaan waloomaa Giddu Gala Aadaa Oromootti marii Paanaaliin kabajame

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Qaammeen 6, Guyyaan waloomaa mata duree “Waloomni Keenya; Faaya Keenya” jedhuun Giddu Gala Aadaa Oromootti marii Paanaaliin kabajameera.

Guyyaan waloomaa waayita kabajamu duudhaa ganamaa sabaafi sablammoonni biyya keenyaa waliin jiraachaa tureefi jiru yeroo itti haaromsinudha jedhan Hoogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastera hawaasummaa Obbo Abdullakiim Muluu guyyaan waloomaa hunda keenya kan walitti hidhe jaalala waloomaa keenya ganamaafi duudhaa Itiyoophanummaa keenya kaleessaa yeroo itti haaromsinudha jedha.

Duudhaa keenya kana gabbisuun waloon waliin jiraachuu keenya yaa gabbifannuu jedhan Obbo Abdulakiim.

Garaagarummaa bifaa yoo qabaanneyyuu nuti waliif miidhagina ta’uu hubannee wal kabajuun biyya keessa jiraannu ijaaruun dhimma murteessadha jedhan Obbo Abdullakiim,
Bara haaraa kanatti waliin taanee badhaadhina waloo haa milkeessinu jechuun ergaa dhaamaniiru.

Tokkummaa; obbolummaafi sabdaneessummaa cimsuudhaan walooma keenya ni dhugoomsina!

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.