Fana: At a Speed of Life!

Barri Haaraan baraa moofaa darberra fooyya’aa akka ta’uuf jijjiiramaaf of haa qopheessinu-MMF

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC)- Barri Haaraan bara moofaa darberra fooyya’aa akka ta’uuf jijjiiramaaf of haa qopheessinu jechuun Manni Maree Federeeshinii ibse.

Afyaa’iin Manni Marichaa Obbo Aganyawu Tashaagar bara haaraa 2016 ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, barri haaraan abdii haaraan kan uumu, rakkoolee fi milkaa’inaalee dabarsinerraa barachuun jijjiirama fooyya’aaf kan itti qophoofnu, walitti bu’iinsa keessaa ba’uun gara abdii galaa taasifachuutti kan ceenuudha jedhaniiru.

Barri dhufu akka biyyaatti rakkoo fi hiyyummaaf sababoota nu saaxilan ce’uun, bara badhaadhummaa labsuuf kan itti tattaafannu, jaalalan harkaa walqabuun kaayyoo biyya tokkoof kan itti dhaabbannuu fi hojiirra oolmaa isaaf boqonnaa malee kan hojjennuu ta’uu eeraniiru.

Sabaafi sabalammoonni nageenyaa, misoomaa, haqaa fi tokkummaa biyyaalessaaf akka carraaqanis waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.