Fana: At a Speed of Life!

Ariitiin umurii malee daandii hin gabaabsu! – Ejansii Geejjiba Oromiyaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) – Ayyaanni torbee nageenya Tiraafiikaa Magaalaa Jimmaatti kabajamera.

Bara 2015 magaala jimmaatti balaan 73 qaqqabeen lubbuun namoota 20 darbuu ibsameera.

Ayyaanichi mata duree “Ariitiin umurii malee daandii hin gabaabsu” jedhuun kabajamera.

Ayyaanicha sababeeffachuun daandiirra imalli miillaa taasifameera.

Dogoggora kootiin lubbuun nama tokkoo balaa tiraafiikaatiin hin bahu! Balaa tiraafiikaa waliin haa ittisnu! ergaan jedhu darbeera.

Dhibee daddarboo hin taane kana to’achuu qabna”jedhan Hogganaan Ejansii Geejjiba Oromiyaa Obbo Jamaal Kadir.

Qaammee hanga qaameetti lubbuun nama tokkoo darbuudha hin qabu qaamni hundu ga’eesaa ba’achu qaba jedhan Komishinii polisii oromiiyaatti Kutaa nagenya tiraafikaa Inspeektarri olaanaan Anteneh Getaneen.

Waa’ee nageenya tiraafikaa barsiisuu fi ergaa dabarsuun balaa tiraafikaa haa ittifnu jedhan Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaan.

Qindeessummaa Ejensii Geejjiba Oromiyaafi Ejensii Geejjiba Magaalaa Jimmaatiin akka Oromiyaatti Ayyaanni torbee nageenya Tiraafiikaa Magaalaa Jimmaatti kabajamera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.