Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Qaammeen 5, Guyyaan dhalootaa sagantaalee adda addaan kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) ¬– Oromiyaatti Qaammeen 5, Guyyaan dhalootaa mata duree ‘Egereen keenya kununsa dhaloota har’aan milkaa’a!’ jedhuun sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Sagantaan Biiroo Barnootaafi Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa waloon qopheessan kanarratti hooggantoonni, hayyoonni, Abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, abbootiin amantaa, dargaggoonniifi namoonni bebbeekamoon argamuu ragaan BKO irraa argame ni mulisa.

Itiyoophiyaan dhalootaa dhalootatti darbaa har’a kan geesse wal harkaa fuudhinsa dhalootatiin waan ta’eef seenaa dabaa kaleessa ture dhaloota har’aan sirreessaa, seenaa gaggaarii jiru kununsuun galaa dhaloota gochuun biyya dhaloota egereef mijooftuu taate ijaaruun dirqama hundaa ta’uu marii paanaalii gaggeeffameen ibsameera.

Mootummaan sirna cimaa ijaaruuf dhaloota dandeettii, beekumsa, ga’umsa, naamusaa, aadaafi duudhaa isaa beeku ijaaruuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Girmaa Baay’isaan ibsaniiru.

Adeemsi ijaarsa biyyaa kan ijaarame balleessuun osoo hin taane kan barbaachisu itti fufsiisuun kan hin barbaachifne sirreessaa deemuuni jedhan.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dooktar Garramoo Hulluuqaan dubbataniiru.

Dhaloota diinagdeen of danda’ee of jijjiiree biyya jijjiiru, wal qixxummaatti amanu, teeknoolojiitti madaqe, dimokraatawaa ta’e, dongora kaleessaa sirreessuun waan gaarii itti fufsiisu, injifannoo tiskuu danda’u, mul’ata qabu kan waan hojjetu milkeessufi maal dhibdee malee biyyaaf dhaabatu ijaaruun murteessaa ta’uu marichaan ka’eera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.