Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Lumeetti Oomishaaleen garaagaraa daawwataman

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Qaammee 4 Guyyaa Oomishtummaa sababeeffachuun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti hoggantoonnii fi seektaroonni misooma baadiyyaa akkasumas hojjettoonni Biiroo Qonnaa Oromiyaa daawwannaa Oomisha garaagaraa taasisaniiru.

Hojiileen Horsiisa loon aannannii, Qamadii kilaastaraan oomishaman, misooma Dammaa fi Avokaadoo akkasumas horsiisni lukkuu daawwatamaniiru.

Qonnaan bultoonni oomisha kanneen irratti hirmaataniis ofii isaaniirra darbuunii namoota birootiif carraa hojii uumuun cinaatti, oomisha kanneen akka Avookaadoo gabaa biyya alaaf dhiyyeessaa jiraachuu himaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Masfiin Tashoomaa oomishtummaa dabaluuf hojiin akka godinichaatti hojjatame bu’a qabeessa tahuu eeraniiru.

Hojiileen Iniisheetiiviiwwan adda addaa hojiiitti hiikamaanii hojjatamaa jiraanii jireenya qonnaan bultootaa jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru.

Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa gama isaatiin, oomishaaleen oomishamaa jiran karoora qabame milkeessaa jiraachuu kaasuun, bara itti aanutti karoora xiiqii qabame milkeessuuf galteewwan oomishaa fi oomishtummaa dabaluu danda’an dhiyeessuun akka hojjatan himaniiru.

Bara kana oomisha Qamadii fi Avookaadoon milkaa’iina argame, bara itti aanuutti oomishaa Ruuziin milkeessuuf akka hojjatamuus himaniiru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.