Fana: At a Speed of Life!

Roobeetti Pirojektoonni Birrii miiliiyoona 265’n ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Qaammee 4, 2015(FBC)-Magaalaa Roobeetti pirojektoonni Birrii miiliyoona 265 ijaaraman eebbifamaniiru.

Pirojektoonni Kunneen Magaalaattii giddugala daldalaa fi turiizimii taasisuuf shoora olaanaa kan qaban ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Roobee Obbo Nigaatuu dubbataniiru.

Pirojektoonni 65 Birrii miiliyoona 265 oliin hojjatamuus kaasuu TOI gabaaseera.

Ittaanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadiir gama isaaniin, Mootummaan naannichaa pirojektoota misoomaa fedhii fi gaaffii ummataa ta’an irratti xiyyeeffachuun hojjachaa jiraachuu dubbatan.

Pirojektoonni eebbifamanis manneen harka qalleeyyii 21, miidhaginaa fi magariisummaa magaalaa,Waajjiroota mootummaa fi kanneen biroo ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.