Fana: At a Speed of Life!

Biyya ceesisuuf oomishtoota uumuun jalqabameera-TKM

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Dachaa oomishuun biyya keessaa fi gabaa biyyaa alaaf kan dhiyeessan, damee indaastirii oomishaarratti bobba’uun oomisha isaanii kan dhiyeessanii fi gibira amanamummaan kafaluun biyya ceesisuuf oomishtoota uumuun eegalameeraa jechuun Tajaajilli Kominikehsinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi, guyyaa oomishtumma har’a sadarkaa biyyaalessaatti kabajamaa jiru sababeeffachuun ibsa baaseen, Itiyoophiyaan biyyaa lammiilee oomishtootaa tattaafataniiti jedheera.

Itiyoophiyaan keessumaa waggoottan shanan darban, qormaatilee garaagaraa keessa dabartus, oomishtoota qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa jaboo waan qabduuf oomshni midhaanii fi beeyladootaa dachaan dabaluu ibseera.

Imaammata qoratameen tarkaanfiiwwan jijjiiramaa fudhatamaniin qonnaan guddina ajaa’ibsiisaa galmeesseera kan jedhe tajaajilichi, bara 2015 qonna magaalaa fi baadiyyaan bu’aan argame, sharafaa alaa, qamadii jallisii, kuduraa fi muduraa akkasumaas makkaanaayizeeshinii qonnaa irratti raawwii gaariin mul’achuu himeera.

Milkaa’inni oomishtummaa kanneeniis hirmaannaa qindaa’aa qonnaan bultootaa fi hoggantootaa damee qonnaatiin ta’uu eereera.

Damee indaastiriinis, bara kana milkaa’inaaleen oomishtummaa galmaa’uu kaaseera.

Mata duree “Itiyoophiyaan Haa oomishtu” jedhuun hojiilee bal’aa hojjetameen warshaaleen waggootaaf cufamanii turan deebi’anii oomisuu eegaluu ibseera.

Interpiraayizoota haaraa gara hojiitti galchuun faayidaa biyya keessaaf kan oolu oomishaaleen bakka bu’an akka oomishaman, sharafa alaa damicharraa argamu dabalaa fi dandeettiin dorgomtummaa indaastiriiwwanii cimaa akka dhufu haala mijataa uumuu beeksiseera.

Milkaa’ina damee qonnaan dhufe cimsuun damee indaastiriinis oomishaalee bakka bu’an oomishuun Itiyoophiyaa shamattummaarraa gara oomishtummaatti ce’uuf qaamoleen dhimmichi ilaallatuu hirmaachuu akka qaban akeekeera.

Har’a guyyaa oomishtummaa wayita kabajnu badhaadhinaa hundagaleessaa Itiyoophiyaaf qabeenya isaaniin biyyaa isaanii shamattummaarraa gara oomishtummaatti ceesisuuf dandeetti isaanii guutummaan oomishtootaa tattaffataa jiranii fi kaffaltoota gibiraa amanamoo galateeffachuun ta’uu ibsaniiru.

Barri haaraan 2016 gufuulee dameen oomishaa qabu adda baasuu fi kallattiiwwan furmaataa kaa’uun oomishtummaa biyyaalessaa guddisuuf mootummaan ummata waliin kan hojjetu ta’uu ibseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.