Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti fayyadamummaa Haqa qabeessaa lammiilee mirkaneessuun nageenya waaraa mirkaneessuuf biyyoonni walta’iinsaan hojjechuu qabu-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC)- Afrikaatti fayyadamummaa haqa qabeessaa lammiilee mirkaneessuun nageenya waaraa mirkaneessuuf biyyoonni walta’iinsaan hojjechuu akka qaban Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin himan.

Gamtaan Afrikaa Waajjira Koomishinara Olaanaa Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun Afrikaatti nageenyaa fi misooma itti fufsiisuurratti waltajjii marii naannawaa gaggeesseera.

Waltajjicharratti walitti bu’iinsii fi dhabamuun nageenyaa keessumaa diinagee biyyoota Afrikaa guddachaa jiranii kan miidhu ta’uu akeekan.

Fayyadamummaan haqa qabeessaa bu’uuraalee misoomaa hanga hinmirkanoofnetti hanga bara 2030’tti lammiileen hoji dhabeeyyiin miiliyoonni 100 dabalataan akka uumaman ibsaniiru.

Galmoota misoomaa waraa milkeessuuf, Afriikaa badhaate dhugoomsuuf walitti bu’iinsaa fi hiyyummaa dhabamsiisuu qabna jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.