Fana: At a Speed of Life!

Magaalootaa fi aanaalee Oromiyaa garaagaraatti harka qaleeyyiif deeggarsi taasiifame

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC) – Qaammee 3, guyyaa Gaarummaa sababeeffachuun Magaalootaa fi aanaalee Oromiyaa garaagaraatti harka qaleeyyiif deeggarsi taasiifameera.

Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Hojii Tajaajila Lammummaatiin harka qalleeyyii 449f deeggarsi Birrii miiliyoona 3.3tti tilmaamamu taasiifameera.

Magaalaa Bulee Horaattis Qaammee 3 Guyyaa gaarummaa sababeeffachuun barattoota maatii harka qalleeyyii, maanguddootaa fi qaama miidhamtoota kuma 1 fi300 oliif deeggarsi gara garaa taasiifameera.

Akkasumas Magaalaa Jimmaatti barattoota maatii harka qalleeyyii kuma 1 fi 607’f meeshaaleen barnootaa laatameera.

Dabalataan jiraattoota harka qalleeyyii 150 oliif kennaan ayyaana bara haaraa laatamuu ibsameera.

Godina Baalee aanaa Goobbaa fi Godina Arsii Lixaa aanaa Kofaleettis guyyaa gaarummaa sababeeffachuun maatii harka qalleeyyiif deeggarsi taasiifameera.

Aanaa Kofaleetti hojiileen tola ooltummaa Birrii miiliyoona 600’tti tilmaamamu hojjetamuu Bulchaan aanichaa Obbo Raaammatoo Bancaan ibsaniiru.

Jibriil Huseenii fi Waajjira Kominikeeshinii godinaalee kanneenitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.