Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Miidhagaa Tolaatti balaa Bakakkaan lubbuun namoota 2 yoo darbu, namoota 5 irra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – Godina Harargee Bahaa Aanaa Midhagaa Tolaatti Balaa Bakakkaan lubbuun namoota 2 yoo darbu, namoota 5 irra miidhaan qaqqabuu ibsame.

Aanichaatti Ganda Barzaalaa fi Bilisummaa iddoo Addaa Diidoo jedhamutti kaleessa galagala naannoo sa’aatii 1:30 osoo roobni hin roobiin Bakakkaa bu’uun lubbuun namoota 2 battalatti yoo darbu, namoota 5 irratti midhaa cimaa fi salphaan qaqqabuu Waajjirri Buusaa Gonofaa aanichaa beeksiseera.

Beelladoota manaarras miidhaan qaqqabuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Aanichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.