Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan yaa’ii DhMG 78ffaaf qophii taasiisuu beeksiifte

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – Itiyoophiyaan yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaaf qophii duraa barbaachisu taasiisuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiiseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alem dhimmoota Dippiloomaasii Itiyoophiyaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Yaa’ii 78ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii yeroo dhiyootti gaggeeffamu ilaalchisee ibsa laataniiru.

Yaa’ichi Ajaandaalee 174 irratti kan mari’atu ta’uu ibsaniiru.
Ajjennoon Itiyoophiyaa 55n kan ibsamu ta’uu dubbachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaan yaa’icharratti qondaaltoota olaanaan bakka kan buutu ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ichaaf qophiin duraa barbaachisaa ta’e taasiifamuu kaasaniiru.
Yaa’ichi bara Faranjootaa Fulbaana 18 – 24, 2023 kan gaggeeffamu ta’uu Ambaasaaddar Mallas eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.