Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Wareegamaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – Qaammeen 2 Guyyaan Wareegamaa Bulchiinsa magaalaa Shaggaritti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Kutaalee Magaalaa adda addaatti Guyyaan Wareegamaa Sirna garaagaraan Kabajamaa jira.

Itiyoophiyaan biyya goototni lubbuu isaanii aarsaa taasisuun wareegama qaqqaalii kaffalameen kabajamte biyya goototaa ta’uu ibsameera.

Gootonni kunneen baddaaf Gammoojiitti,Halkanii fi guyyaa falmaanii biyya ofii kabachisuun wareegama kaffaluu sagantichaan ibsameera.

Guyyaan gootota Wareegamtoota Itiyoophiyaa, wareegamaa gootoonni kabajaa fi birmadummaa biyyaattiif kaffalaan yaadachuuf kan qopha’e ta’uu eerameera.

Biyya dhiigaa fi lafeen ilmaan Itiyoophiyaan as geesse finxaleeyiin hin digamtu, dhaloonni ammaa biyya gootummaa fi wareegaman as geesse itti fufsiisuun dhaloota dhufuuf dabarsuun barbaachiisaa ta’uu hirmaattoonni sagantichaa ibsaniiru.

Gootonni kabaja Itiyoophiyaa olqabuuf wareegama kaffalanii birmadummaa biyya tiksan ni yaadatamu, kanneen lubbuun jiran kabajaafi ulfina isaaniif malu argachuun ni leellifamu.

Gootonni aarsaa kaffalanii birmadummaa biyya tiksan ammoo dhaloota har’aaf fakkeenya guddaa ta’u jedhamuu rragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.