Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaan bu’aa jajjabeessaa galmeessiteetti-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)- Itiyoophiyaan tajaajila eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaaf xiyyeeffannaa kennuun damichaan bu’aa jajjabeessaa galmeessuu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Yaa’iin Idil Addunyaa eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaarratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, bakka bu’oota dhaabbilee fayyaa idil addunyaa fi qorattoonni damee fayyaa biyyoota garaagaraa argamaniiru.

Obbo Dammaqaan waltajjicharratti, eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaa cimsuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaaf xiyyeeffannaa kennuun tajaajilicha naannawaa baadiyyaa biyyattiitti babal’isaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan kutannoo siyaasaa, ogeeyyii fayyaa fi walta’iinsa olaanaa qaamolee tumsitootaan eegumsa fayyaa haadholii fi daa’immanii irratti bu’aa olaanaa galmeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Dhaabbataa Fayyaa Addunyaa Dooktar Tewoodiroos Adihaanoom gama marsariitiin ergaa dabarsaniin, eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaa biyyoota hundaatti haqa qabeessummaan waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaa eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaatiin Itiyoophiyaan xiyyeeffannaan kennite jajjabeessaadha jechuu isaanii TOI gabaaseera.

Fuuldurattis, Itiyoophiyaan sirna fayyaa hundagaleessa cimsitee akka itti fuftuuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gama isaaniin, yaa’iin guyyoota sadiif turu kanaan rakkoolee damichaan mul’atan irratti mari’achuuun kallattii furmaataa kaa’uuf kan kaayyeeffate ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaaf xiyyeeffannaan kennite fooyyee kan qabu ta’uu dubbatanii, yaa’icharrattis muuxannoo ishee biyyoota biroof akka qooddu eeraniiru.

Biyyoonni dandeettii keessoo isaanii cimsuun kunuunsa fayyaa sadarkaa jalqabaa irratti xiyyeeffanaan haala hojjechuu danda’anirratti akka mari’atamu eeraniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.