Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaa fi Biyyoonni Eeshiyaa nageenyaa fi misoomaa ardii mirkanessuuf ni hojjetu-Lii Chiyaangi

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)- Chaayinaa fi Biyyoon Eeshiyaa nageenyaa fi misoomaa ardii mirkaneessuuf ni hojjetu jechuun Muummeen Ministiraa Chaayinaa Lii Chiyaangi dubbatan.

Yaa’iin Hoggaantoota Chaayinaa- Eeshiyaa 26ffaan Indooneezhiyaa Magaalaa Jaakaartaatti gaggeeffama jira.

Yaa’iicharrati Muummeen Ministira Chaayinaa Lii Chiyaangi ,hariiroo fi tumsi biyyoota lameenii waggoottan dheeraaf yeroo rakkoottis osoo hinraafamiin turuu ibsan.

Chaayinaa fi Eeshiyaan hariiroo qaban cimsuun kan itti fufan yoo ta’e, jijjiraamoota akka Idil Addunyatti umaaman dandamachuu ni danda’uu jedhaniiru.

Biyyoonni lameen fedhii misoomaa cimaa qabaachuu kan eeraan Muummeen Ministira Lii Chiyaangi, Ardii Eeshiyaatti nageenyaa fi misooma ardii mirkanessuuf ni hojjetama jedhan.

Yaa’ii 26ffaa Chaayina Eeshiyaa guyyaa har’a gaggeeffama jiruurratti guddina Ardiicha fi tumsa fuulduraarratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu CGTN gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.