Fana: At a Speed of Life!

Sibuu Sireetti balaa konkolaataan lubbuun namoota 2 darbe

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)- Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota lama darbe.

Balichis kan mudate konkolaattonni deddeebisaa ummataa lama walitti bu’uun kan uumame ta’uun ibsameera.

Balaa mudateenis lubbuun namoota 2 battalumatti darbeera.

Namoota sadiirraa miidhaa cimaan kan qaqqabe yoo ta’u namoota 16 irra miidhaa salphaa qaqqabuu Dursaan Garee Nageenya Tiraafika Daandii Mirkaneessu Ejensii Geejibaa Godinaa Wallagga Bahaa Obbo Dassalanyi Raggaasaa FBC’tti himaniiru.

Namoonni balichaan miidhaman Hospitaala Sireetti yaalamaa akka jiran eeruun sababni balichaas qoratamaa jira jedhameera.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.