Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin damee teeknooloojii quunnamtii odeeffannoon walta’iinsaan akka hojjetan ibsan

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin damee Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoon akkasumas damee dijitaalaayizeeshiniin fayyadamummaa waloof walta’iinsaan akka hojjetan ibsan.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaanii Agistiinoo Paalas waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Itiyoophiyaatti qulqullina damichaa fooyyessuuf Xaaliyaanii waliin walta’iinsan hojjechuuf, fayyadamummaa gama lameeniif dameewwan invastimantii irratti bobba’uun danda’amurratti mari’ataniiru.

Teeknooloojiin Quunnamtii Odeeffannoo misooma waaraa kan tumsu ta’uu eeruun dhiibaa hawaasummaa dabaluuf hirmaannaa waloo barbaachisuurratti mari’ataniiru.

Qisaasama damichaa hambisuu fi hojmaataa walxaxaa hambisuuf hojiiraa oolchuun akka barbaachisus kaasaniiru.

Pirojektii dijitaalaayizeeshinii Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo deeggaruu fi “Cloud Migration” irratti ce’umsa beekumsaa taasisuuf walta’iinsan akka hojjetan himaniiru.

Dameewwan walta’iinsaa kunneenis Paarkii Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo fi misooma qabeenya humna namaa akka hammatu eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.