Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Asallaatti Piroojektiin Bishaan dhugaatii Birrii biiliyoona 1.5 hojjetamaa ture xumurame

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Hanqina bishaan dhugaatii Magaalaa Asallaa furuuf Piroojektiin Bishaan dhugaatii Birrii biiliyoona 1.5 hojjetamaa ture xumurameera.

Piroojektiin waggaa 3 keessatti xumurame kun lammiilee kuma 350 fayyadamoo Bishaan dhugaatii qulqulluu kan taasiisu ta’uu eerameera.

Yeroo turtii Waggaa 3 kessatti kana xumurame piroojektichii ummata magaalaa Asallaa fi nannaawwaa ishee kuma 300 fi kuma 50 tajaajila akka kennu hoganaan dhabbata bishaan dhugaatti fi dhangal’aa magaalaa Asallaa Saguree obbo Kadir Arabaa ibsaniru.

Piroojektichi kuusaa bishaanii 7 kan qabu yoo ta’u, tajaajila laachuuf qophii ta’uu Itti Gaafatamaan Dhaabbata Bishaan dhugaatii fi Dhangal’aa magaalaa Asallaa Saguree Obbo Kadir Arabaan ibsaniru.

Midhaksa Qachaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.