Fana: At a Speed of Life!

Areerootti Pirojektiin Finnaa Birrii miiliyoona 760 oliin hojjetame eebbifame

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC)- Pirojektiiwwan Finnaa Mootummaan Naannoo Oromiyaatiin hojjetamaa jiran 73 keessaa Godina Booranaa Aanaa Areerootti Birrii miiliyoona 760 oliin kan hojjetame eebbiifameera.

Sirna eebba pirojektichaarratti qondaaltonni mootummaa naannoo fi federaalaa, hooggantoonni Godinaa, Aanaa, Abbootii Gadaafi hawaasni Aanichaa argamanitti eebbifameera.

Bulchaan Aanaa Areeroo Obbo Waariyoo Dheengee finna jechuun margaa fi bishaan, bulchiinsaa fi ilmoo dhaloota itti fufsiisu akka bakka bu’u himuun, pirojektichi jiruuf jireenya hawaasa horsiisee bulaa itti fufsiisuuf iddoo olaanaa qaba jedhan.

Hawaasni naannoo bishaan kuufame fayyadamuun hojii jallisii akka hojjetu akkasumas Aanichi bakkeewwan pirojektoota Finnaaf mijatan hedduu waan qabuuf deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qabu gaafataniiru.

Bulchaan Godina Boorana Bahaa Abdurazaaq Huseen uummanni Godinichaa mootummaan jiruuf jireenya uummataa jijjiiruun badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf hojilee hojjetaa jiru itti fayyadamuun hiyyummaa fi nageenya mirkaneessuu irratti cimsinee hojjechuu qabna jedhan.

Hoogganaan Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bultoota Oromiyaa Injiinar Girmaa Raggaasaan gama isaaniin mootummaan naannichaa jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa hundeerraa jijjiiruuf hojiiwwan bal’aa hojjetaa jiraachuu yaadachiisanii, keessumaa qabeenya bishaanii hojiitti jijjiiruuf xiyyeeffaannoo addaatiin hojjetamaa jiraachuu himuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Pirojektiin Finnaa Funnaan Birreessaa Aanaa Areerootti har’a eebbifames Birrii Miiliyoona 760 oliin kan hojjetamee yoo ta’u, bishaan meetirkubii 17 ol qabachuuu kan danda’u, lafa heektaara kuma 1 fi 500 misoomsuu fi abbootii warraa kuma 3 ol fayyadamoo taasisa jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.