Fana: At a Speed of Life!

Haala yeroo ammaa naannoo Amaaraa keessa jiru jijjiiruuf walhubannoon hojjechuun barbaachisaadha – Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC) – Haala yeroo ammaa naannoo Amaaraa keessa jiru jijjiiruuf walhubannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaan ibsan.

Obbo Araggaan sosochii biyyaalessaa mata duree ‘Qaammee Itiyoophiyaaf’ jedhurratti hoggantoota olaanoo fi ogeeyyii waliin mari’ataniiru.

Sagantaa Qaammee kanaan hojiileen haala waqtaawaa naannichaa giddugaleeffatan hedduun hojjetamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Baatii Qaammee keessa ergaawwan ijaarsaa ummataaf dabarsuun haala naannichi yeroo ammaa keessa jiru jijjiiruuf walhubannoon hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen yaadoota ummataaf fayyadan dabarsuu fi hojii gaarii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hojiileen nageenya naannichaa mirkaneessaan, misoomaa, bulchiinsa gaarii fi gaaffilee diinagdee deebisan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ummanni miira keessaa ba’uun abdii akka horatan yaada qajeelaa qabsiisurratti hoggantoonni hojjechuu qabu jedhan.

Dhaloota dhugaatti amanu horachuuf sirnaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Yaadoota xinsammuu ummataa, Seenaa fi eenyummaa giddugaleeffatan bochuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Gara fuulduraatti hojiilee rakkoo naannoo Amaaraa furuuf dandeessisan hedduun kan hojjetaman ta’uu dubbachuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.