Fana: At a Speed of Life!

Gaaffilee Uummataa deebisuuf hoggansi murannoon hojjechuu qaba – Obbo Xilahuun Kabbadaa

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC) – Gaaffilee Uummataa deebisuuf hoggansi murannoon hojjechuu akka qabu Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaan ibsaniiru.

Sagantaan hojii eegalchiisuu Dhaabbilee teessoo isaanii magaalaa Aarbaa Minci taasiisanii gaggeeffameera.

Hoggansi qabeenya kuufamaa naannichatti argamu fayyadamuun bu’aa qabeessummaaf hojjechuu akka qaban Obbo Xilahuun yaadachiisaniiru.

Yaada haaraan naannoo fakkeenya badhaadhinaa taate uumuuf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbileen olaanoon mootummaa naannichaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Jiraattoonni naannichaas tumsa barbaachisu taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.