Fana: At a Speed of Life!

Zeleneskiin Ministira Ittisaa jijjiiruufi

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskiin Ministira ittisaa biyyaattii aangoorraa kaasuun haaraan akka bakka buusan beeksisan.

Murtee isaanii kanas Mana Maree Biyyattiif kan dhiyeessan ta’uu
gama miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsuu One India’n gabaaseera.

Bakka isaanis Itti Gaafatamaa Fandii Qabeenyaa Yuukireen ta’uuntajaajilaa kan jiran Ruusteem Umeerov akka muudan dubbataniiru.

Pireezidaantichi murtee kanarra kan ga’an, ministeera ittisaa humna waraanaa fi hawaasa waliin qindeessuu haala danda’amurratti karooraa fi gurmaa’insa haaraa jijjiirruun waan barbachiseefi jedhaniiru.

Manni maree biyyattii yaada isaanii deeggaruun kaadhimama dhiyeessaniif deeggarsaa akka taasisan amantaa qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.