Fana: At a Speed of Life!

Dhimmoota biyyaalessaa irratti waliigaltee uumuun Itiyoophiyaa ijaaruu qabna-Obbo Taayyee Danda’aa

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)- Dallaa garaagarummaa keessaa ba’uun dhimmoota biyyaalessaa murteessoo irratti waliigaltee uumuun Itiyoophiyaa waloon ijaaruun itti gaafatama hunda keenyaa ta’uu qaba jedhan Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan.

Mariin Paanaalii mata dure “Eenyummaa biyyaalessaa ijaarsaa biyyaa cimaaf” jedhuun Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffmeera.

Waltajjichaarrattis Obbo Taayee Danda’an haasawaa taasisanin, bilisummaa, nageeya, kabajaa fi faayidaan lammiilee eegamuun bu’uura biyyaa ta’uu kaasaniiru.

Hayyootaa fi lammiilee gidduutti dhimmoota biyyaalessaarratti waligalteen uumamuun murteessaa ta’uu eeruun, dallaa garaagarummaa keessaa ba’uun dhimmoota biyyaalessaa irratti waliigaltee uumuun Itiyoophiyaa waloon ijaaruu qabna jedhaniiru.

Ummanni eenyummaa waloo sirriitti hinhubanne, waa’ee seenaawwan kaleessaa, faayidaa waloo, dudhaalee gaarii fi kaayyoowwan egeree beekuun itti ulfaata jedhaniiru.

Lammiileen wabii faayidaa, kabajaa fi bilisummaa isaanii kan ta’ee biyya cimtuu waloon ijaaruuf hojjechuu qabu jechuu isaanii TOI gabaaseera.

Waltajjicharratti qorannoowwan garaagaraa dhiyaachuunis irratti mari’atameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.